===================================================
[OBN 01 01 2011] Hundeessaa fi hogganaan Warraaqsa Waliinii Itiyoophiyaa Haaraa obbo Oobaang Meetoo ministira Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoo waliin mari'atan. Obbo Oobaang ummanni biyyattii Itiyoophiyaa haaraa ijaarudhaaf waltumsuu qaba jedhaniiru.
Obbo Oobaang walitti bu'iinsonni biyyattiitti mudatan marii hawaasatiin hiikamuu qabu jedhaniiru. Isaanis mootummaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta'uu beeksisanii, dhiyeenya Finfinneetti waajjira isaanii kan banan ta'uu eeraniiru.